Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Ayyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana
    Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamii
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Ayyaana Dubartootaa (March 8) Sadarkaa Waajjira Caffee Oromiyaatti
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Saboota, Sablamoota Ummattoota Itoophiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Leenjii fi Beekamtii Kennuu Manneen Maree Aanaalee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Eebba Piroojektoota adda addaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaatiin

You are here

 

Ergaa Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Ummanni Oromoo ‘Caffee’ sirna demokiraatawaa ammayyaa har’a itti fayyadamaa jiru hundeeffachuu isaan duratti, aadaa, duudhaafi eenyummaa isaa ganamaa irraa kan madde, guddina demokiraasii ammayyaaf bu’uura kan ta’e, sirna bulchiinsaa Gadaan hawaasa baroota dheeraaf wal bulchaa tureefi ammas duudhaa isaa kaleessaa osoo gadi hin lakkisiin Gadaan bulaa jirudha.

Oromoon sirna kanaan siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa isaa gaggeeffachaa ture. Kana malees, madaala uumaafi uumama gidduu jiru kan ittiin tikfatu, hariiroo jiruufi jireenyaa keessoo isaatti ittiin walbulchuufi ummattoota biroo ollaa isaa jiraatan waliinis nagaafi jaalalaan haammatee waloon haala ittiin waliin jiraachuu qabu ilaalchisee seera kan tumatu Caffee sirna Gadaa kana jalattidha.

Caffeen Mootummaan Naannoo Oromiyaas, duudhaa Oromummaa ganamaa sirna Gadaa irraa kan fudhatameefi Heera Fooyya’aa Naannichaan qaamni olaanaan naannichaafi seera baaftuun moggaasa kanaan akka waamamu ta’e. Caffeen kun, sagalee ummata naannichaan kan hundaa’e, ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhatee qaama hojjechaa jirudha.

Caffeen Oromiyaa, naannicha keessatti akkuma kaleessaa seerota uumamaafi uumamni ittiin bulu, fedhiifi faayidaa ummatichaa giddu gala kan godhatan tumuun hojiirra oolmaa seerota kanneeniis hordofuufi to’achuun hanga gaafatamummaa hordofsiisuutti aangoon qaama kanaaf kan kenname ta’uun isaa ni beekama.

Caffeen, haala qabatamaa guddina diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa jiru giddu gala godhachuun, fedhii misoomaafi gaaffii ummanni keenya qabu deebisuuf yeroo gara yerootti gurmaa’ina isaa fooyyessaa, dandeettii qaamolee isaa cimsaa fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee bakka bu’ummaa isaa bahachaa qaama jirudha.

Bu’uura kanaanis, misoomni ariifachiisaan naannicha keessatti akka dhufuuf, bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf, aadaan demokraasii hawaasa keessatti akka dagaaguuf seerota aadaafi duudhaa Oromummaa keenya giddu gala godhatan, fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessan qulqullinaan tumuun hojiirra oolmaafi bu’a qabeessummaa seerota kanneenii hordofuufi to’achuun ergama bakka bu’ummaa ummata naannichaan itti kenname gahumsaan akkuma bahachaa ture, borus aantummaa ummata isaaf qabu hojii qabatamaan mirkaneessuuf yeroo kamiyyuun olitti hojjechuu irratti argama.

Milkaa’ina hojii isaafis, gurmaa’inaalee yeroon gaafatu diriirsuun dandeettii raawwachisummaa miseensota Caffee, Koreewwan Dhaabbiifi qaamolee Caffee cimsuun itti gaafatamummaa Heeraafi Ummataa naannichaan itti kenname miira tajaajiltummaa sirriin ummata bakka isa buufateef sagalee ta’ee tajaajiluun aantummaa ummata isaaf qabu kan mirkaneessu ta’a.

Afaan Oromoo