Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Ayyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana
    Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamii
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Ayyaana Dubartootaa (March 8) Sadarkaa Waajjira Caffee Oromiyaatti
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Saboota, Sablamoota Ummattoota Itoophiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Leenjii fi Beekamtii Kennuu Manneen Maree Aanaalee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Eebba Piroojektoota adda addaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaatiin

You are here

Gurmaa’ina Caffee

Caffeen Oromiyaa, Heera Fooyya’aa Naannichaa Keewwata 46 xiqqaa 1 jalatti qaamolee mootummaa sadeen keessaa qaama seera baaftuu naannichaafi qaama aangoo ol’aanaa Mootummaa Naannichaa ta’uun qaama hojii bakka bu’ummaa ummataa hojjetudha.

Hojiifi ittigaafatamummaa Heera kanaan kennamaniif gahuumsaan bahachuudhaaf, kallattii sirrii fi bu’a qabeessa ta’een galmaan gahuuf gurmaa’ina ergama bakka bu’ummaa ummataa fudhate ittiin milkeessuu danda’u qabaachuun milkaa’ina hojii isaaf murteessaadha. Bu’uura kanaan, Labsii Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa Miseensotaafi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Murteessuuf Bahe, Lak. 201/2009 Keewwata 4 jalatti akkaataa ibsameen, Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa gurmaa’ina armaan gadii qaba.

  1. Yaa’ii Caffee;
  2. Waajjira Caffee;
  3. Koree Qindeessituu;
  4. Koreewwan Dhaabbii;
  5. Bakka Bu’oota Paartii;
  6. Koree Mari'achiiftuu Dhimmoota Caffee fi
  7. Garee Caffee
  8. Yaa’ii Caffee - Caffeen Oromiyaa, Naannoo Filannoo 179 irraa Miseensota sadi sadii filamaniin, waliigalaan teessoo 537 qaba. Yaa’iin Caffee gaggeeffamus, miseensota Caffee ta’uun sagalee ummataan kan filatamaniin gaggeeffama. Bu’uura kanaan, Caffeen Yaa’ii Idileefi Ariifachiisaa gaggeessuu akka danda’u Labsii kanaan aangoon kennameefii jira.
  9. Yaa’ii Idilee - Caffeen Yaa’ii Idilee isaa yoo xiqqaate waggaatti yeroo sadii gadi karaa hin taane kan gaggeessudha.
  10. Yaa’ii Ariifachiisaa - kun yeroo Idileen Caffeen Yaa’iisaa gaggeessuun alatti dhimmoonni ariifachiisaan murtii Caffee barbaadan yoo dhiyaatan barbaachisummaan isaa karaa Afyaa’ii Caffee ilaalamee kan gaggeeffamudha.
  1. Waajjira Caffee - Labsii Waajjira Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Hundeessuuf Bahe Lak. 191/2007n hundaa’e. Aangoo Labsii kanaan Waajjirichaaf kennameef irratti hundaa’uun hojiilee seera tumuu, hordoffiifi to’annoofi bakka bu’ummaa ummataa akkaataa gurmaa’inaafi hojiimaata sirna parlaamentaawaa hordofuun Caffeefi qaamolee Caffeef deeggarsa ogummaa kan kennudha.
  2. Koree Qindeessituu - Adeemsa hojii waliigalaa Caffichaa, qindoominaa fi fiixa ba’iinsa isaa, akkasumas, karoora hojii koreewwanii hordofuun qindeessa. Korichi Afyaa’ii Caffeetiin kan hoogganamu ta’ee, I/A/Afyaa’ii, Dura Taa’ota Koreewwan Dhaabbii, I/G/Waajjira Caffeefi Bakka Bu’aa Mootummaa Muummichaa miseensa ta’uun tajaajilu.
  3. Koreewwan Dhaabbii - Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa aangoofi hojii Heeraafi ummataan itti kenname gahumsaan bahachuudhaaf Koreewwan Dhaabbii shan (5) hojii Caffichaa milkeessuuf bu’uura Labsii Lak. 241/2014 Keewwata 4 jalatti akkaataa ibsameen hundaa’anii kan hojjetanidha. Isaanis, (a) Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Misooma Namaa; (b) Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa; (c) Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa; (d) Koree Dhaabbii Dhimma Baajataa fi To’annoo Horotaalee Mootummaa; (e) Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaati. Tokkoon tokkoon Koreewwan Dhaabbii kunniin, Dura Taa’aafi I/A/Dura Taa’aa dabalatee Afyaa’iidhaan dhiyaatanii Caffeedhaan kan filataman miseensota 5 hanga 7 qabu.
  4. Bakka Bu’oota Paartii - Paartiin ykn paartiileen teessoo caalmaa Caffee keessaa argate ykn argatan bakka bu’aa Mootummaa Muummichaa tokkoofi miseensota hanga digdamaa ta’aniin bakka bu’a/bu’uun tajaajilu.
  5. Koree Mari’achiiftuu Dhimmoota Caffee - Koreen kun dhimmoota Caffee Afyaa'ii, Itti Aanaa Afyaa'ii, Bakka Bu'oota Paartiileefi Garee Caffee keessaa teessoo qaban irraa kan bakka bu'aniin kan gurmaa'u ta'ee, Afyaa'ii Caffeetiin kan gaggeeffamudha.
  6. Garee Caffee - Caffeen hojii isaa haala qindaa’een gaggeessuu akka isa dandeessisu paartiileefi gareewwan Caffee keessaa teessoo qaban hojii Caffichaatiif jecha akka garee Caffeetti kan ilaalamanidha.