Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Ayyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana
    Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamii
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Ayyaana Dubartootaa (March 8) Sadarkaa Waajjira Caffee Oromiyaatti
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Saboota, Sablamoota Ummattoota Itoophiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Leenjii fi Beekamtii Kennuu Manneen Maree Aanaalee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Eebba Piroojektoota adda addaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaatiin

You are here

SEENAA CAFFEE OROMIYAA

Caffeen Oromiyaa, Caffee sirna Gadaa bu'uura godhachuun aadaa, duudhaafi seenaa uummata keenya kaleessaafi har'aa giddu galeeffachuun naannicha keessatti qaama mootummaa olaanaa isa seera baasu ta'ee hundaa’e.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Chaartara yeroo Ce'umsaa Bara 1983 bahe bu'uura godhachuun Mootummoota Naannolee Hundeessuuf Labsii Lak. 7/1984 baheen Naannolee hundaa'an keessaa isa tokko. Labsii kana keessattis, Mootummoonni Naannolee qaamolee mootummaa sadan /Seera baastuu, raawwachiistuufi hiiktuu/akka qabaatan waan jedhuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaas, kana bu'uura godhachuun Heera Mootummaa Naannichaa Yeroo Ce'uumsaa (Labsii Lak. 2/1985) baafatee hojiisaa kan eegale yoo ta'u, caaseffamni qaamoleen mootummaa sadeen sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga gandaatti jirus Heera kanaan beekamtii argachuun yeroo jalqabaaf hundaa'an. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo kanarraa eegalee maqeeffama Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhuun moggaafame.

Heericha Keewwata 46 jalatti aangoon qaama seera baastuufi raawwachiiftuu addaan bahee kan ibsame ta’us, Heericha Keewwata 56(2) jalatti qaamoleen lamaanuu qaamni raawachiistuufi qaamni seera baastuu Pireezidaantii Naannichaan bakka tokkotti akka hoogganaman ibsa.

Bu'uura kanaan, moggaasni 'CAFFEE' jedhus, qaama lamaaniif waljijjiirraan (interchangeably) tajaajilaa kan ture yommuu ta'u, wal makiinsi qaamolee lamaanii kun Manneen Marii Aanaafi Gandaattis bifuma walfakkaatuun Bulchaan Aanaafi Gandaa walitti qabaafi gaggeessaa Koree Hojii Raawwachiistuufi Manneen Marii Aanaafi Gandaa ta'uu eera.

Seena Caffee Oromiyaa

Barreeffama