Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Ayyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana
    Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamii
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Ayyaana Dubartootaa (March 8) Sadarkaa Waajjira Caffee Oromiyaatti
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Saboota, Sablamoota Ummattoota Itoophiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Leenjii fi Beekamtii Kennuu Manneen Maree Aanaalee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Eebba Piroojektoota adda addaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaatiin

You are here

 

Gurmaa’insa Miseensota Caffee Sadarkaa Naannoo Filannoo

Miseensonni Caffee ummata isaan filatetti dhiyaachuun yaada, gaaffiifi komii ummanni qabu dhaggeeffachuun sadarkaan fala akka argatu taasisuufi hojiilee gurguddoo Mootummaan raawwataman ummata biraan gahuuf bu’uura Labsii 241/2014n gurmaa’insa sadarkaa Naannoo Filannootti akka qabaatan taasifamee hundaa’e.

Kaayyoon ijoon gurmaa’iinsa kanaa, miseensonni Caffee gaaffii ummata isaan bakka buufatee hordofanii karooraan deebisaa deemuuf karaa baratameen qofa hojjechuun galmoota gurguddoo imala badhaadhinaa qabannee hojjechaa jirru milkeessuun waan hin danda’amneefi. Gurmaa’iinsi haaraa sadarkaa Naannoo Filannootti Waajjira hundeessuun hojiin bakka bu’ummaa ummataa miseensota Caffeen karaa idilaa’een akka hojjetamuuf Dambii Labsii Gurmaa’ina, Hojimaata, Naamusa Miseensotaafi Sirna Walgahii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa 241/2014 Gurmaa’inaafi Sirna Hojimaata Miseensota Caffee Naannoo Filannootti Hojiirra Oolchuuf Bahe, Lakkoofsa 7/2014n hundaa’ee hojii jalqabe.

Ummanni keenya gaaffii diinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi misoomaa qabu karaa idilaa’een bakka bu’oota isaa waliin wal qunnamuun hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru cimsuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Kana malees, Miseensonni Caffees, Naannoo Filannoo 179 Naannoon keenya qabdu keessatti hojiilee gurguddoo Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan akka, hojii seera tumuufi dhaqqabsiisuu, hojii hordoffiifi to’annoo karooraafi raawwii karooraafi hojii bakka bu’ummaa ummataa keessatti hirmaannaan ummataa akka bababl’atu taasisuuf ummata isaan filateefi mootummaa gidduutti riqicha ta’anii hojjetu.

Waliigalaan, fedhiifi rakkoolee ummata bakka isaan buufate irraa dhiyaatu mootummaatti dhiyeessuun raawwii hojiileefi murtiiwwan Caffeedhaan murtaa’an ummata hubachiisuun komiin ummata keenyaa giddu gala tokkotti qindaa’ee mootummaa akka qaqqabu taasisuu keessatti, miseensonni Caffee ummata keessa waan jiraataniif sagalee ummata isaanii ta’uun itti gaafatamummaa Heeraafi ummataan isaanitti kenname ni bahatu.