Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Ayyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana
    Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamiiAyyaana Sabaa sablamii
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Ayyaana Dubartootaa (March 8) Sadarkaa Waajjira Caffee Oromiyaatti
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Kabaja Guyyaa Saboota, Sablamoota Ummattoota Itoophiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Leenjii fi Beekamtii Kennuu Manneen Maree Aanaalee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Sagantaa Eebba Piroojektoota adda addaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaatiin

You are here

Daarektoreetii Kenna Deeggarsa Ogummaa Hojii Seera Tumuu fi Dhaqqabsiisuu

Kaayyoon bu’uuraa Daarektoreetii Kenna Deeggarsa Ogummaa Hojii Seera Tumuu fi Dhaqqabsiisuu, seerota faayidaa fi dantaa ummata naannichaa karaa guutuu ta’een mirkaneessuu danda’an karaa qulqullinaa fi gahumsa qabuun Caffeen akka tumuuf deeggarsa ogummaa kennuudha.  

Hojiilee Ijoo Daarektoreetichaa

  • Wixineewwan seerotaa Caffee ilaallataniifi qaamolee mootummaa kallattiin Caffeef itti waamaman, fedhii dhiyaatu bu’uura godhachuun qopheessuu;
  • Wixineewwan seerotaa qaamolee mootummaa biroo irraa dhiyaatan qorachuun yaada ogummaa dhiyeessuu;
  • Seeronni naannichaa kan Federaalaa waliin kan walsiman ta’uu isaanii xiinxaluun mirkaneeffachuu;
  • Wixineewwan seerotaa dhiyaatan marii ummataatiin akka gabbatan taasisuu;
  • Yaadota galtee ta’anii wixinee seerichaa gabbisuu danda’an qaamolee gara garaa irraa fudhachuun qaama seerichaa taasisuu;
  • Seerota Caffeen ragga’an, akkasumas, Dambiilee Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiin bahan sirreeffama teeknikaa fi afaan sadii (Afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingilizii) haala walsimuu danda’uun qopheessuu;
  • Seerota Magalata Oromiyaa irratti maxxanfaman hojii diizaayinii isaanii raawwachuu;
  • Seerota ragga’anii sirreeffamni barbaachisu irratti taasifame maxxansiisuu;
  • Seerota maxxanfaman ummata bal’aa bira akka gahaniif maloota adda addatti fayyadamuun raabsuu;
  • Qaboo yaa’ii Walgahiiwwan Caffee qulqullinaan qopheessuu;
  • Kenna deeggarsa ogummaa seeraa qaamolee Caffee barbaadaniif kennuu;
  • Galma Caffee walgahiidhaaf mijataa taasisuu.

       Daarektoreeticha Qunnamuuf

Bilbila: +251113724510

E-mail: dseeratumuu@gmail.com

Telegram: https://t.me/SeerotaCaffee