Caba diinagdee dubartoota Oromoo Utubuuf Fagoo qabanneen hojjechaa jirra.

  • 06 Apr 2023
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Barmaatilee miidhaa geessisan, haqaafi diinagdee dubartootaa gahoomsuu irratti Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee waliin mari'atame.

Falmii Manneen Murtii keessaa %25 ol ta'u dhimma dubartootaan walqabatudha kan jedhan, Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Kab. Obbo Gazaalii Abbaa Simal, yakka dubartootaafi daa'imman irra gahu ittisuuf qindoomina qaamolee adda addaa barbaada jedhan.

Dubartoota gahoomsuufi cimsuu keessatti jalqabbiin jiru gaarii ta'uu kan ibsan ammoo Dura Teessuu Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaati.

Diinagdee dubartootaa jabeessuu irratti cichinee hojjechuu qabna yoo jennu qusachuu, liqeeffachuufi ittiin hojjechuu akka danda'an yoo taasifnedha kan jedhan, Hooggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Kab. Aadde Jamiilaa Simbirruuti.

Kanaaf, caba diinagdee dubartoota Oromoo utubuuf mul'ata fagoo qabannee hojjechaa jirra jedhan.