Caffeen Oromiyaa Wixinee Labsii Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaafi Gibiraa Galii Hojii Qonnaa irratti qooda fudhattoota waliin mari'ate.

  • 15 Feb 2024
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraafi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Gabree Urgeessoo, haala guddina siyaas diinagdee amma irra geenyee jirruun seerota yeroo dheeraa turuun fayyadamummaa ummataa miidhan foyyeessaa deemuun barbaachisaa ta’uu waltajjii marii kanarratti ibsaniiru.

Bu'uuruma kanaan, Labsii Lak. 131/1999 fooyyessuuf kan dhiyaate yommuu ta'u, hanqinaalee Labsii duraanii keessa turan furuu karaa danda'uuniifi sadarkaa amma irra geenyeefi fedhiifi faayidaa ummata keenyaan walsimsiisuun, hawaasni keenya haalaafi amala hojii oomishaarratti bobba’e hojjetu sirriitti hubachuun oomishuu qofa osoo hin taane qixaan irraa fayyadamuu akka danda'u taasisuufi galii Mootummaan damee kanarraa argachuu qabus akka argatu gochuuf kan qophaa'e ta'uu eerameera.

Kanaafuu, qooda fudhattoonni qaamolee adda addaarraa marii Wixinee Seeraa kana irratti argamanis wixinee kanaaf yaadota galtee ta’an kennuun wixinicha gabbisuu keessatti gahee isaanii akka bahatan dhaamuun, wixineen qophaa’e dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamee jira.

Dhumarrattis,yaadota galtee ta'an marii hawaasa kanarraa kan argameefi kaayyoon barbaadamu kan dhugoomse ta'uu dabalanii ibsaniiru