Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniin durfamu Aanaa Lumeetti qophii biqilaa bara 2015fi kan bara darbees kunuunsee jira.

  • 06 Apr 2023
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 17ffaa sababeeffachuun ayyaanichi hojiiwwan tajaajila lammummaa adda addaan akka kabajamuuf Aanaa Lumee Laga Moojootti qophii biqiltuu heektaara lama irratti taasifamaa jiru jilli kun daawwate.

Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan ayyaana kana wayita kabajnu humnaafi beekumsa qabnu gurmeessinee aadaa waloon hojjechuu qabnu cimsinee qabeenya qabnu misoomsuuf guutuu Oromiyaa keessatti sagantaa tajaajila lammummaan ayyaanichi akka kabajamuuf har'a irraa eegalee jalqabsiifnee jirra jedhan.

Oromiyaatti, bara 2015f biqilaa biil. 4.9 qopheessaa jiraachuu I/A/Hoogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiir jila kanaaf ibsaniiru.

Akka Oromiyaatti qophii biqilaa taasisaa jiran keessatti teemirri, zayituunaan, leemmannii baddaafi gammoojjii kan argaman ta’uu Obbo Eeliyaas ibsaniiru. Bara kana buufata biqilaa babal’isuufi dhiyeessii jiru cimsuun qophii bal’aa taasisaa jiraachuus eeraniiru.

Jilli kun Aanaa Lumee Ganda Xaddeetti argamuun biqilaa bara darbe dhaabbates kunuunsee jira.