Loogoo, Biraandiingiifi Faaruun Caffee Oromiyaa haaraa

  • 27 Jan 2024
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Imala Caffee Bara Hojii 6ffaa hanga har’aatti taasifneen, waadaa ummata keenyaaf galle kabajnee Caffee ummata Oromoo madaaluufi fayyadamummaa ummata bakka nu buufatee mirkaneessuuf riifoormiiwwan garaa garaa jalqabne itti fufsiisuun hojii ummata keenya madaalu hojjechaa jirra.

Hojiiwwan riifoormii diijiitaalaa hojjechaa turre keessaa, Loogoo, Biraandiingiifi Faaruu Caffee hayyoota muuxannoo olaanaa qaban hirmaachisuun qorannoon deeggaruun hojii hojjechaa turre xumuurree har’a ifatti tajaajila akka jalqabu taasifnee jirra.

Loogoo, Biraandiingiifi Faaruun Caffee Oromiyaa haaraan, aadaa, duudhaafi eenyummaa ummata keenyaa irraa kan madde, caalmaan ammoo qorqalbii Oromummaa giddu gala kan godhate, Heeraafi qajeeltoowwan seeraa irratti hundaa’uun jijjiirama biyyaafi naannoo keenyaa waliin tarkaanfachuu karaa isa dandeessisuun mul'ata dheeraa qabatee kan hojjetamedha.

Ummanni keenya bal'aan, Kabajamtoonni Miseensota Caffee, Qaamoleen Mootummaa, Manneen Maree Ummataafi caasaaleen mootummaa sadarkaan jirtan hundinuu Loogoo, Biraandiifi Faaruu Caffee bifa haaraan qophaa’e kun har'arraa eegalee tajaajila kennuu kan jalqabe ta’uu isaan beeksisa.