Pirezidaantiin Moootummaa Naanno Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa Godina Booranaatti daawwannaa hojii taasisaa jiru.

  • 06 Apr 2023
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Pirezidaant Shimallis Godina Booranaatti hojiilee bifa waaraa ta'een rakkoo hongeen walqabatee mudatu maqsuuf hojjetamaa jiraniifi hojiilee bu'uuraalee misoomaa Godinicha keessatti hojjetamaa jiran daawwachuun ummata dubbisaniiru.

Hojiiwwan kana keessaas Pirojektii Finnaa, hojii ijaarsa buufata xiyyaaraa, giduugala fooyyessa sanyii loon Booranaa Diida Xuyyuuraafi hojii damdammii hongee irratti hojjatamaa jirus daawwatamaniiru.