Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
    Text Caption
    Marii Wixinee Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa'e
  • Slide Background Image
    Mariin Waloo walitti dhufeenya Naannolee Ollaa ummata Oromoo, Sidaamaafi Halaabaa
  • Slide Background Image
    Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaaniin Godina Qellem Wallaggaa yeroo deeggaran
  • Slide Background Image
    Jila Afyaa'oota Naannoleefi Magaalota lamaan Godina Baalee yeroo dawwatan
  • Slide Background Image
    Jilli Afyaa'oota Naannoleefi Magaalota lamaan Godina Baaleetti daawwannaa taasisaan
  • Slide Background Image
    Leenjii Hoggansaafi Hojjetoota Waajjira Caffee
  • Slide Background Image
    Gamaaggama Raawwii Hojii Baatiiwwan Sagalii Fooramii Afyaa’ota Godinaa,
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Nagaa ...Nagaa...Nagaa.. - Dubartootaaf Nagaa
  • Slide Background Image
    Walii galtee Yuunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin taasifame
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Deeggarsa Harka qalleeyiif taasifame
  • Slide Background Image
    Text Caption
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Dawwanaa dirree koreen Dhaabbii Caffee taasiseen
  • Slide Background Image
    Leenjii Hoggansaafi Hojjetoota Waajjiraaf yeroo kennamu

You are here

Aangoofi Hojii Caffee Naannichaaf Heera Fooyya’aa Naannichaa

          Keewwata 49

  1. Akka Heera kanaatti, Caffeen Naannichaa qaama seera baastuu Naannichaati.
  2. Heerri Rippaablika Dimokraatawaa Federaalaa Itoophiyaa akka eegametti ta’ee, Cafficha dhimmoota keessaa Naannichaarratti abbaa aangoo siyaasaa isa olaanaadha.
  3. Keewwata kana Keewwata xiqqaa (1) fi (2)n akka waliigalaatti kan tumame akka eegametti ta’ee, Caffichi addatti aangoofi hojii kanatti aanan ni qabaata:
  1. Akka Heera kanaatti, seerota adda addaa Heeraafi seerota Federaalichaa hin fallessine ni tuma;
  2. Baay’ina uummatichaa, bal’ina Naannichaafi sochii dinagdee hawaasummaa tilmaama keessa galchuudhaan gulantaalee bulchiinsaa dabalataan ni hundeessa;
  3. Aangoon Mootummaa Federaalaa akka eegametti ta’ee, waliigaltee Mootummoota Naannolee ollaa wajjin taasifamu ni raggaasa;
  4. Afyaa’iifi Itti aanaa Afyaa’ii Cafficha hogganan ni filata; koreewwan dhaabbataafi yeroo kanneen hojii Caffichaatiif barbaachisan ni moggaasa;
  5. Miseensota Caffee keessaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa ni fila; Muudama miseensota Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa ni raggaasa;
  6. Qaama odiitiifi to’annaa ni hundeessa;
  7. Akka seeraatti baraarsa ni godha;
  8. Nagaafi tasgabbii Naannichaa eeguuf humna poolisiifi nageenyaa ni gurmeessa;
  9. Imaammattoota, tarsiimoowwaniifi sagantaalee hawaasummaafi diinagdee Naannichaa ni raggaasa;
  10. Seerota madda galii Mootummaa Naannichaa ilaalan ni baasa; baajata Mootummaa Naannichaa ni raggaasa;
  11. Jaarmayoota babal’ina tajaajila hawaasummaafi misooma dinagdee ariifachiisuuf barbaachisaa ta’an ni hundeessa;
  12. Pireezidaantiifi Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannichaafi Odiitara Muummichaa ni muuda;
  13. Madda galii Mootummaa Naannichaatiif daangeeffamerratti gibiraafi ashuura ni murteessa;
  14. Bulchiinsaafi haala hojii hojjataa Naannichaa ilaalchisee seera ni baasa;
  15. Akkaataa Heera kana keewwata 47 keewwata xiqqaa (2) (q) tiin tumaata yeroo ariifachiisaa ni labsa;
  16. Heera, Labsiiwwaniifi seerota adda addaa biyyattiifi Naannichaa, Naannicha keessatti hojiirra oolchuuf dambiiwwan dandeessisan ni baasa;
  17. Pireezidaantiifi abbootii taayitaa Naannichaa kanneen biraa gaaffiif ni waama; haala raawwii hojii Mana Marii Bulchinsa Mootummaa Naannichaa ni qorata.