Nuu Qunnamaa    +251113-726218    info@caffeeoromiyaa.gov.et                               

  • Slide Background Image
    Text Caption
    Marii Wixinee Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa'e
  • Slide Background Image
    Mariin Waloo walitti dhufeenya Naannolee Ollaa ummata Oromoo, Sidaamaafi Halaabaa
  • Slide Background Image
    Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaaniin Godina Qellem Wallaggaa yeroo deeggaran
  • Slide Background Image
    Jila Afyaa'oota Naannoleefi Magaalota lamaan Godina Baalee yeroo dawwatan
  • Slide Background Image
    Jilli Afyaa'oota Naannoleefi Magaalota lamaan Godina Baaleetti daawwannaa taasisaan
  • Slide Background Image
    Leenjii Hoggansaafi Hojjetoota Waajjira Caffee
  • Slide Background Image
    Gamaaggama Raawwii Hojii Baatiiwwan Sagalii Fooramii Afyaa’ota Godinaa,
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Nagaa ...Nagaa...Nagaa.. - Dubartootaaf Nagaa
  • Slide Background Image
    Walii galtee Yuunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin taasifame
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Deeggarsa Harka qalleeyiif taasifame
  • Slide Background Image
    Text Caption
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa irratti
    gabaasa ji'a 6 qaama raawwachisaa PMNO tiin dhiyaate
  • Slide Background Image
    Jalqabbii Yaa'ii Idilee 4ffaa Waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa
  • Slide Background Image
    Hordoffii fi To'annoo koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Muudama Qaamolee Mootummaa Sadan
  • Slide Background Image
    Dawwanaa dirree koreen Dhaabbii Caffee taasiseen
  • Slide Background Image
    Leenjii Hoggansaafi Hojjetoota Waajjiraaf yeroo kennamu

You are here

Waajjira Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Waajjirri Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa gurmaa’inaafi aangoo seeraan kennameef irratti hundaa’uun,  Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qaamoleen Caffee hojiilee seera tumuu, hordoffiifi to’annoofi bakka bu’ummaa ummataa akkaataa gurmaa’inaafi hojimaata sirna parlaamentaawaa hordofeen gaggeessan ilaalchisee deeggarsa ogummaafi tajaajilaa haala cimina, qulqullina, saffinaafi gahumsa qabuun kennuuf Labsii Lak. 191/2007n hundaa’e.

Aangoofi Gahee Hojii Waajjiraa

  1. Caffee, qaamolee Caffeefi gurmaa’inaalee keessoo kanneen birootiif tajaajila bulchiinsaa ni kenna.
  2. Hojii seera tumuu, hordoffiifi to’annoo fi bakka bu’iinsa ummataa Caffeefi qaamolee Caffeetiin raawwatamuuf deeggarsa ogummaa ni kenna.
  3. Caffee fi qaamolee Caffeetiif galma walga’iiwwanii ni qopheessa; ni mijeessa.
  4. Qaboowwan yaa’ii Caffeefi qaamolee Caffee, murtiileefi sanadoota adda addaa sirnaan galmeessee ni qaba.
  5. Qaamoleefi miseensota Caffeetiif tajaajila mana kitaabaa, odeeffannoo fi qo’annoofi qorannoo ni kenna.
  6. Seerota Caffeefi qaamolee birootiin bahan Magalata Oromiyaa irratti ni maxxansiisa; maxxansaa fi raabsaa seerotaa, barruulee fi maxxansaalee adda addaa ni raawwata; ni raawwachiisa.
  7. Tooftaalee dandeettii raawwachiisummaa Caffeefi Manneen Maree Ummataa sadarkaa sadarkaan jiran ittiin cimsuun danda’amu baasee hojiirra ni oolcha.
  8. Ajandaaleefi dokimantoota Walga’ii Caffeetiif dhiyaatan yeroo dubbisaa seerota hojimaata Caffeetiin taa’etti miseensota Caffee ni dhaqqabisiisa.
  9. Keessummoota Caffeefi qaamolee Caffeetiif tajaajila keessummeessaa barbaachisaa ta’e ni kenna.
  10. Qabeenya ni horata; waliigaltee ni gala; maqaa isaatiin ni himata; ni himatama.

Hojiilee gahee Caffee, qaamoleefi miseensota Caffee galmaan gahuu dandeessisan biroo