Daayireektoreetii Odiitii
Dambii Lakk. 207/2011 Dambii Bulchiinsa Faayinaansii Mootumma Naannoo Oromiyaa Dambii Lakk. 138/2004 irra deebiin fooyyessuuf bahee
Aangoo Odiitii Keessaa
Odiitaroonni keessaa Sochiiwwaan hojii maallaqaa fi qabeenyaa mana hojii isaanii kamiyyuu odiitii gochuudhaaf aangoo hin daangeffamne qabu.
Itti gaafatamummaa fi Hojii Odiitii Keessaa
- Odiitarootni keessaa sochiiwwan faayinaansii gargaarsa, liqii fi galiiwwan keessaa manneen hojii faayinaansii fi raawwii isaanii odiitii ni taasisu.
- Karoora hojii odiitii bara baajataa itti aanuu itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojichaatiif dhiyeessuun ni mirkaneessisa, karoora mirkanaa’e Biiroodhaaf ni dhiyeessa.
- Bu’uura gabasa odiitii dhiyaateen murteen hoogganaa ol’aanaa mana hojichaatiin kenname hojii irra oolmaa isaa ni hordofa, bu’aa hordoffii gabaasaa itti gaafatamaa ol’aanaa fi Biiroodhaaf ni dhiyeessa.
- Fedhii yookiin karoora baataja kutaa hojii odiitii keessaaf qopheessuun mana hojichaaf ni dhiyeessa.
- Ragaalee hojjattoota kutaa hojii odiitii keessaa guutuu qindeesse ni qabata.