Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsa, Seeraafi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa, Hordoffiifi To'annoo Godina Shawaa Lixaatti gaggeessaa jiruun jiraattota Aanaa Ejersa Lafoo Ganda Calalaqaa Boobee waliin dhimmoota garaa garaa irratti mari'ate.
Marii kanaan, dur ummatatu Mootummaa barbaada; amma garuu, Mootummaatu Ummata barbaadaa jira, kanaanis gurmaa'iinsa haaraa sadarkaa Gandaatti hundaa'een tajaajila barbaadan dhiyeenyatti argachaa jiraachuu, qindoominaafi ijaarama ummataa cimsuun nagaafi tasgabbiin jiraachuu kan ibsan jiraattonni Gandichaa tokko tokko, bu'uuraalee misoomaa kan akka daandii, bishaaniifi ibsaa furmaata akka argatuuf gaafataniiru.
Dura Taa'aan Korichaa Kab. Obbo Gabree Urgeessoo marii qaamolee hawaasaa waliin taasisaniin ummata qindoomee bu'aa nageenyaa hubateefi misooma badhaadhina qabatamaan dhugoomsuu danda'uuf onnatee hojjechaa jiru waan taataniif gaaffilee bu'uuraalee misoomaa rakkoo hawaas-dinagdee ummataarratti danqaa ta'an Mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjetuuf qaama dhimmi ilaalu waliin kan dubbatan ta'uu ibsaniiru.
Korichi, Karoora misoomaafi baajata hojichi ittiin raawwatamu Caffeen mirkanaa'e misooma haqa qabeessaafi ummanni irraa fayyadamaa ta'uu mirkaneeffachuuf hordoffiifi to'annoo Bulchiinsa Magaalaa Amboofi Godina Shawaa Lixaa Aanaalee garaa garaa keessatti taasisaa ture xumuruun hooggansaa Magaalaafi Godinichaaf duubdeebii kennee jira.