Mana Maree Cimaa Mootummaa Cimaa Ijaara

  • 29 May 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Manneen Maree Ummataa dagaagina dimokiraasii, bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi jijjiirama akka biyyaafi naannootti jalqabne itti fufsiisuu keessatti gahee olaanaa qaama qabanidha.

Xiyyeeffannoon keenya ijoon, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran cimsuudha. Manneen Maree, qaama ummata bakka bu'aniifi ummata isaan filatetti dhiyaatanii hojii ummataa hojjetanidha. Sirna cimaa qabaannee mootummaa cimaa ijaaruuf Manneen Maree cimaa ergama isaanii qajeelloon bahachuu danda’an qabaachuu barbaachisa.

Mootummaan cimaan, qindoominaafi walhubannoo qaamolee mootummaan ijaarama. Galmi waloo qaamolee mootummaas, tajaajila qulqulluu ummataaf kennuudha.

Gamaaggama raawwii hojiiwwan baatii sagalii guyyoota lamaan kana taasifneen, haala qabatamaa Manneen Maree keenya irra jiran hubachuu dandeenyee jirra. Sochiin Manneen Maree keenya hojii isaanii milkeessuuf taasisaa jiran jijjiiramni jiraachuu agarsiisa.

Raawwiin Manneen Maree keenya walfakkaachuu dhabuun, sirna hordoffiifi to’annoo bu’a qabeessaafi rakkoo ummataa furuu danda’u gaggeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ilaallee jirra.

Koreewwan Dhaabbii Aanaafi Magaalaas hojimaata eeganii kurmaanaan manneen hojii qoratanii duubdeebii kennuun walqabatee bakkaa bakkatti garaa garummaan jiru akkuma jirutti ta’ee, hojiirra oolmaa duubdeebii kennamees itti fufiinsaan hordofuun walqabatee Manneen Maree hundi xiyyeeffannoo addaan irratti hojjechuu akka qaban ilaallee jirra.

Kana malees, Manneen Maree Gandaa cimsuun, tajaajiltummaa ummataa mirkaneessuudha. Mootummaa ummatatti dhiheessuun tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa kennuuf dandeessissa. Tarsiimoo, imaammataafi karoora mootummaa irratti ummanni hubannoo walfakkaataa qabaatee hirmaannaa isaan deeggaree akka hojiirra oolchu taasisuudha.

Kanaaf, Manni Maree Aanaafi Magaalaa hundinuu Gandoota isaan jala jiran cimsuun, gahoomsuufi ergama isaanii akka bahatan taasisuu qabu.

Qindoominaan hojjennee waadaa ummata keenyaaf galle gochaan mirkaneessuu qabna. Caffeen keenyas, hojii hubannoo uumuu, leenjiiwwan adda addaan manneen maree gahoomsuufi hojimaata jiru fooyyessuun hudhaalee jiran qorannoon deeggaree sirreessaa deemuuf hojjechaa jira.

Hooggansi Mana Marees, mul’ata akka mana mareetti qabattanii hojjettan milkeessuuf itti gaafatamummaa qabdan qajeelloon bahachuu qabdu