Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniin durfamu, Godina Gujii Aanaa Adoola Reeddeetti qonna kilaastara boqqolloo arfaasaa daawwate.

  • 21 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Karoora Xiiqii bara kana qabannee hojjechaa jirruun jiruufi jireenya ummata keenyaa jijjiiruuf qonna keenya ammayyeessuun oomishtummaa dabaluu irratti xiyyeeffatamee hojii hojjetamaa tureen jijjiiramni mul’achaa jiru abdi qabeessa jedhan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf, harka tokkoon nageenya ummataa mirkaneessaa, harka biraan ammoo misooma jijjiirama ummataa bu’uura godhate hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu qonnaan bulaafii horsiisee bulaan aadaa waggaatti al tokko oomishuu keessaa bahuun waggaatti yeroo lamaafi isaa ol oomishuu kan jalqabe ta'uu ibsaniiru. Akka Naannoo Oromiyaatti bara kana boqqoolloon lafti hektaara miliyoona 1.78 kilaasteraan misoomaa jiraachuus dubbataniiru.