Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Hojiiwwan Muummeyyii Caffee Oromiyaaf kennaman keessaa tokko sirna walhordofuufi to'achuu qaamolee mootummaa gidduutti diriiree jiru raawwachiisuu akka ta'e ibsan

  • 28 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
.
Safartuun milkaa'ina hojii kanaa ammoo, Kaayyolee Muummee Jahan seeraan kennamaniif mirkaneessaa deemuun ergama bakka bu'ummaa ummataa bahachuudha jedhan.
Koreewwan Dhaabbii Caffees, hojii Hordoffiifi To'annoo bu'a qabeessa ta'e gaggeessuuf kaayyolee kanneen irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qaban ibsamee jira.
Galma gahiinsa hojii kanaafis, beekumsaafi hubannoo gahaa qabaachuun hojjechuun murteessaa waan ta'eef, leenjii hubannoo uumuu Koreewwan Dhaabbii Caffeefi ogeeyyii isaaniif dhimma kana irratti qopheessine jedhan.
Leenjiin kun guyyoota lamaaf Magaalaa Adaamaatti kan kennamu yommu ta'u, Leenjii kana kan kennan Waajjira Caffee Oromiyaatti Gorsaa Olaanaa Dhimma Seeraa kan ta'an Obbo Dhaabaa Dirribaati.