Yaa'iin Idilee 7ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Adoolessa 11 Bara 2016 irraa eegalee Galma Caffeetti ni gaggeeffama.

  • 06 Jul 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Kanaafuu, Miseensonni Caffee Oromiyaa hundi Waraqaa Eenyummeessaa Miseensa Caffee ta’uu keessan ibsu qabattanii Adoolessa 10 Bara 2016 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.
Kookasiin Dubartootaa immoo Adoolessa 10 Bara 2016 sa’aa 2:30 irraa eegalee waan gaggeeffamuuf, Dubartoonni Miseensa Caffee hundi Adoolessa 09 Bara 2016 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.