Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, piroojeektonni ijaaraa jirru rakkoo hawaas-diiangdee ummata keenyaa furuu keessatti qooda olaanaa qabu jedhan.

  • 08 Jul 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Piroojektoonni gosa addaa addaa baajata mootummaafi hirmaannaa ummataan Qarshii Miiliyoona 180 oliin ijaaraman bakka Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan argamanitti eebbifamanii tajaajila ummataaf banaa ta’aniiru.
Karoora Xiiqii bara kana qabameen, sochii hawaas-diinagdee magaalota keessa jiru caalmaan guddisuufi galmoota badhaadhinaa qabaman milkeessuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaan hojjechaa kan jiru ta’uu ibsuun, piroojeektonni eebbifamaa jiraniis agarsiiftuu hojii kanaa ta’uu Kab. Aadde Sa’aadaan ibsaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti, Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Kantiibaan Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obbo Alamaayyoo Tonkoluu, hoggantoota naannoofi magaalichaa kan hirmaatan yoo ta’u, piroojektoota ijaarsi isaanii xumuuraman kan akka, kutaa dabalataa mana barnoota J/Sanbatee G+2, Industirii Godoo, Kilaasteraa Horsiisa Lukkuu, mana qusannaa, mana barnoota sadarkaa 1ffaa duraa (BSTD)fi kan biroos keessatti argamu.