Godina Shawaa Kaabaatti, gurmaa’iinsa Bulchiinsa Gandaa Aanaa Dabra Liibaanos Ganda Waakkenniifi Aanaa Wacaaleetti Ganda Goraa Katabaa, Bosokee Jaateefi Saalleetti argamnee hojii hojjetamaa jiru ilaaluun, tajaajila ummanniifi mootummaan isaanirraa barbaad
Mootummaa cimaa Ganda irratti ijaaruun, hawaasa diinagdee jabaa qabu uumuu, gurmaa’iinsa hawaasummaan cimee nageenya isaa akka tikfatu taasisuufi tajaajila dhaqqabamaa ummata isaaf dhiheenyatti kennuuf gargaara. Imala kana keessatti, qaamoleen sadeen mootummaa sadarkaa Gandaa waldeeggaruun cimanii ergama isaanii bahachuutu isaanirraa eegama.
Manni Marii Gandaas, cimee akka hojjetuuf tumsuufi deeggarsa barbaachisu taasisuun murteessaadha. Gurmaa’iinsi Gandaa bifa haaraan hojiirra oolaa jiru kun, jalqabbiin irra jiru fooyyee kan qabu yommuu ta’u, kun cimee akka itti fufu taasisuun, bu’aa qabatamaa argameen madaaluun deeggarsa barbaachisus taasisuufiin barbaachisaadha.
Karoora Bara 2017 Caffeen keenya raggaase keessatti, galmoota gurguddoo qabaman keessaa hojiin damee misooma baadiyyaa isa ijoodha. Aanaalee lamaanitti, Qamadii Kilaastaraan misoomaa jiruufi horsiisa Loon Aannaniis daawwannee jirra.
Qonnaan bulaan keenya, karoora mootummaan gadi buusuuf fudhatee hojii qabatamaatti jijjiiraa jira. Kunimmoo, imala badhaadhinaa qabanneen oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuun gabaa alaaf oomishuun mul’ata qabame galmaan gahuu keessatti gumaachi taasisaa jiru abdii kan namaatti horu ta’uu isaa ilaallee jirra.