Alaabaan,Wabii Sabdaneessummaa Walooma Keenyaati!

  • 14 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
Itoophiyaan biyya saboonni, sablammoonniifi ummattoonni hedduun nagaafi jaalalaan keessa jiraatan, biyya afdaneettiifi amantaawwan garaa garaa tokkummaa walqixxummaa irratti hundaa’een haammattee jiraattudha.
Sabdaneessummaan tokkummaa irratti ijaarame, gaaddisa Heeraa tokko wabii kan godhatedha. Alaabaan ammoo, mallattoo tokkummaafi wabii sabdaneessummaa ummattoota Itoophiyaati.
Waliigaltee biyyaalessaan, seenessa waloo qabaannee tokkummaa biyyaa cimsina. Jijjiiramaafi badhaadhidhina hunda galeessa mirkaneessuun sabdaneessummaa tokkummaan ijaarame dhaloota egereef bu’uura kaa’ee abdii guutuu lammiileetti hora.
Tokkummaan Alaabaa biyyaa olkaasee birmadummaafi kabaja biyyaa tiksa.