Guyyaan Alaabaa 17ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Waajjira Caffee Oromiyaatti kabajamee.

  • 15 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Guyyaan kun “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaafi Olka’iinsa Itoophiyaaf! Mata duree jedhuun Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti bakka Hooggansiifi Hojjettoonni Biirolee Naannichaa argamanitti Waajjira Caffee Oromiyaatti sirnoota garaa garaan kabajameera.
Olka’iinsi Alaabaa keenyaa, Wabii Tokkummaa Sabdaneessummaafi birmadummaa keenyaa ta’uu hubannee guyyaan kun kabajaafi jaalala Alaabaaf qabnu kan itti agarsiifnudha. Akkasumas, irra deebiin waadaa keenya kan ittti haaromsinudha.