Alaabaa Keenya Qabannee,Itoopiyaa Tokkummaa Sabdaneessaa Ijaara!

  • 15 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Tokkummaa walqixxummaa irratti hundaa’een Itoophiyaa utubnee, obbolummaa sabdaneessummaa bu’uura cimaarra dhaabuun biyya birmadummaan ishii dhalootaan tikfame Alaabaa keenya olkaafnee ni mirkaneessina.
Dura Teessuun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa sirna Kabaja Alaabaa kanarratti argamuun haasawaa taasisaniin, Alaabaan Wabii Tokkummaa Sabdaneessuummaafi birmadummaa keenyaati jedhan.
Alaabaan ibsituu eenyummaa, mallattoo bilisummaafi birmadummaa biyyaa kan mirkaneessuufi bu’uura heddummina keenyaati jedhan. Kanaanis, jaalalaafi kabaja Alaabaaf jecha gootonni ilmaan biyyaa wareegama qaalii kaffalaa turaniin birmadummaa biyyaa tiksuun har’aan gahanii jiru jedhan.
Guyyaa Alaabaa wayita kabajnu, dhaloonni hiikkaafi maalummaa Alaabaa hubatee wareegama Alaabaaf jecha gootonni qaqqaaliin kaffalaa turan kyaadachaa, dhaloota itti aanu biyya guddina diinagdeen badhaate dhaalchisuu keessatti itti gaafatamummaa seenaa nurra jiru akka bahanuuf yaadameetu jedhan.
Alaabaan biyya keenya duudhaa sabdaneessummaa, afdaneessuummaafi heddummina amantaalee kan bu’uureffatedha. Alaabaan Naannoo Oromiyaas, duudhaa Sirna Gadaa irraa kan madde, aadaafi seenaa ummata Oromoo kan calaqqisiisu ta’uus himaniiru.
Guyyaan Alaabaa Marsaa 17ffaa kun Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti har’a Godinaalee, Magaalota, Aanaaleefi sadarkaa Gandaa, Akkasumas Manneen Barnootaa hunda keessatti kabajamee akka oolu taasifamee jira.
Pirezidaantiin Mana Murtii waliigala Oromiyaa, Kab. Obbo Gazaalii A/Simal saganticharratti argamuun sirna kakuu raawwachiisanii jiru.