Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Horataalee Mootummaa Caffee Oromiyaa, raawwii kurmaana 1ffaa manneen hojii torbaa Magaalaa Adaamaatti qorachaa ture xumuure.
Koreen Dhaabbii, gabaasa manneen hojii dhiyaateef xiinxaluun qabiinsa ragaafi sirna bulchiinsa faayinaansii ammayyeessuuf jalqabbiiwwan jiran fooyyee qabaachuu ibsee jira.
Itti Aanaa Dura Taa’aan Korichaa Kab. Obbo Galmaa Waaqoo, galmoota gurguddoo Karoora bara kanaa keessatti qabaman milkeessuuf galii sirnaan sassaabuu yoo dandeenyedha jedhan.
Kanaaf, maddoota galiifi pooteenshaala galii Naannoon keenya qabdu sirnaan sakatta’uun galii duguuganii galchuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu ibsuun, manneen hojii hundinuu tajaajila fooyyessuu irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabanis ibsanii jiru.