Galmi ijoon, sirna walhordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa gidduutti taasifamu dagaagina diimokraasii mirkaneessuudha.
Hojiiwwan misoomaa, bulchiinsa gaarii, tajaajila mootummaan ummataaf kennu haqa qabeessa taasisuun itti quufiinsa lammiilee mirkaneessuudha. Kunimmoo, amantaa ummanni keenya mootummaa ofiin filate irraa qabu dachaan dabaluu galma godhata.
Koreewwan Dhaabbii Caffee, karooraafi raawwii manneen hojii kurmaanaan qorachuun duubdeebiin kennan hojiiwwan misoomaa, bulchiinsa gaarii, kenna tajaajilaafi hawaas-diinagdee kallattiiwwan fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuu danda’aniin akka raawwatamaniifi galmoonni gurguddoon mootummaan dameewwan hunda irratti qabatee hojjechaa jiru akka milkaa’u taasisa.
Koreewwan Dhaabbii Caffee, raawwii hojii kurmaana 1ffaa manneen hojii naannichaa guyyoota lamaaf gaggeessaa turan, milkaa’ina galmoota gurguddoo mootummaan qabatee hojjechaa jiru madaaluun manneen hojii hundinuu sadarkaa raawwiin qabatamaa irra jiru beekanii hojiiwwan karoorfaman xiiqiin raawwachuu akka danda’aniif kan onnachiisudha.
Mul’anni keenya ijoon, qindoomnee hojjennee badhaadhina hundagaleessa, misooma damdaneessa, tajaajila haqa qabeessaafi si’ataa ta’e kennuun mootummaa cimaa bu’uura ummataa qabu ijaaruudha. Kanaafis, hojiiwwan karoorfaman qixaan raawwachuun mul’ata qabanne mirkaneessuuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba