Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Kab.Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan,Dhaloota biyyaaf bu'aa buusu danda'u horachuuf xiyyeeffatamee hojjechaa jira jedhan.
Paarlaamaan Daa'immanii Naannoo Oromiyaa Yaa'ii Idilee 1ffaa Bara Hojii 3ffaa isaa bakka Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan argamanitti gaggeesse.
Yaa'ii Idilee 1ffaa Bara Hojii 3ffaa Paarlaamaa Daa’immanii gaggeeffame irratti argamuun ergaa kan dabarsan Kab. Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, daa'imman har'a sirna dimookraasii shaakaluun muuxannoo gahaa yoo argatan, biyya dimookraasiin fakkeenya taate ijaaruuf galma qabanne hojjechaa jirru dhugoomsuu keessatti qooda olaanaa qabu.
Kab. Aadde Sa’aadaan, daa'imman biyyaaf qopheessuu keessatti maatiin, hawaasniifi mootummaan gahee olaanaa qabu jedhan. Dhaloota bu'aa buusuu danda'u horachuu keessatti mootummaan gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, yaadama Sirna Gadaarraa maddeen dhaloota ofitti amanamummaa qabuufi dorgomaa ta'e horachuuf Mootummaan xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa gama isaaniin biiroon isaanii mirgaafi nageenya daa'immanii kabachiisuuf tarsiimoowwan garaa garaa qophaa'an hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.
Miidhaa daa'imman irratti qaqqabu hambisuuf gahee qaamoolee hundaa kan gaafatu ta'uus daa'imman itti gaafatamummaafi mirga isaanii beekanii karaa gurmaa'een mirga isaanii akka kabachiifataniif paarlaamaan daa'immanii kun shoora olaanaa kan qabu ta'uu ibsuun, daa'imman safuufi duudhaa Oromummaa beekanii akka guddataniif hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.
Yaa'ii kanaan waggoottan lamaan dhufaniif, Afyaa'iifi Itti Aanaa Afyaa'ii Paarlaamaa Daa'imman Naannoo Oromiyaa ta'uun gaggeessitoota tajaajilan filachuun walharkaafuudhiinsa aangoo taasisaniiru.