Wixinee Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Qophaa’e irratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti mari'atamee jira.

  • 13 Feb 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa,Seeraafi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Gabree Urgeessoo, Caffeen, qulqullina seerota keenyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira; wixineewwan seeraa qophaa'an irrattis qaamolee dhimmi ilaalu hirmaachisuun galteewwan wixinicha gabbisan fudhachuun sirna ittiin qulqullina seerota keenyaa mirkaneessinudha jedhan.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Kab. Obbo Gazaalii A/Simal, Manneen Murtii Oromiyaa riifoormiiwwan garaa garaa kenniinsa tajaajila abbaa seerummaafi bulchiinsa manneen murtii naannichaa fooyyessuu danda’an gaggeessaa tureera jedhan.
Kaayyoofi galmi guddaan riifoormiiwwan kanaas, tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aawaa fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti quufiinsa tajaajilamtootaa dabaluun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun, amantaa uummataa horachuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhan.
Wixineen Labsii qophaa'e kunis, haala qabatamaa guddina naannichaafi dhaqqabummaa tajaajila abbaa seerummaan kennamuu caalmaan saffisiisuuf yaadamee kan qophaa'e ta'uus ibsaniiru.