Naannoo keenyatti qilleensi nagaa buubbisuu eegaleera. Pireezidaantii MNO Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa

  • 13 Feb 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Rifoormiwwan kenna tajaajila ummatatti hiiqnee kennaa jiruufi rakkoo nageenyaa waggoota dheeraaf naannoo keenya keessa ture furuuf waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaan haaraa akka saaqamu taasisuun qilleensi nagaa buubbisuu eegaleera jedhan, Pireeziidaantiin MNO Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa
Ummanni Oromoo Ummata nagaa jaallatuufi lallaabuufi Nageenyi bu’uura waan hundaa ta’uu isaa hubachuun Mootummaan Naannichaa nageenyi akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetaa kan ture ta’uu Kab. Obbo Shimallis Gabaasa qaama raawwachiisaa kan ji’oottan jahan darbanii Caffee’f wayita dhiyeessan ibsaniiru.