Bara Oomishaa 2016/17 tti oomishni kuntaala mil. 377 argameera.

  • 13 Feb 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Pireezidaantiin MNO Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa Oomisha qonna arfaasaa lafa hekt. Mil.1.5 irraa midhaan gosa garaa garaa callaa kunt. Mil.32.2 kan argame yoo ta’u,qonna gannaatiin lafa hekt. Mil.11.6 midhaan gosa addaa addaa faca’erra callaan kunt.mil. 327 hanga ammaatti walitti kan qabame ta’uu ibsaniiru.
Inisheetiwwan qonnaa garaa garaan midhaan gosa addaa addaa qonna arfaasaafi gannaatii hanga ammaatti oomishni calla kuntaala mil. 327 walitti qabamuu Pirizidaantiin MNO Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa Gabaasa baatii jahan darbanii bara 2017 Caffeef dhiyeessaniin eeraniiru.
Galmoota karoora ce’umsa misooma qonnaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu, Al-ergee guddisuun oomisha alaa galuun bakka buusuu, carraa hojii lammiileef uumuufi jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf xiyyeeffannoo Mootummaan kennee hojjetaa tureen bu’aawwan gurguddaan galamaa’uu Pirizidaanti Shimallis ibsaniiru.