Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa, Gabaasa Raawwii Karoora Hojii Ji’a Jahaa Bara 2017 Qaama Raawwachiisaan dhiyaate ilaalchisuun yaada murtoo kenne.
Korichi, aangoo seeraan kennameefi kallattiiwwan yaa’ii Idilee 7ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii Caffee 6fffaa giddugaleessa godhachuun xiinxala karoora manneen hojiii hanga raawwii isaanii gamaaggamuun duub-deebii itti fufiinsaan kennuu Hordoffiifi To’annoo dirree gaggeessaa tureen raawwii karoora ji’a jahaa bara 2017 keessatti dhimmoota gurguuddoon cimina jedhee ilaaleefi hanqinoota mul’atan adda baasuun dhimmoota xiyyeeffannoon barbaadan yeroo itti aanu keessatti sirreeffamuu akka qabaniif yaada murtoo kennee jira.
Bu’uura kanaan, dameewwan dinagdee,hawaasummaafi Misooma Magaalaafi Baadiyyaatiin hojiiwwan baatiwwan jahan darban keessatti hojjetamaa ture jajjabeessaa ta’uufi dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo hooggansa olaanaa barbaadan adda baasuun furmaata argachuu akka qabu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Abdulqaadir Huseen ibsaniiru.