Dhaabuun Bayyanachuu!
Afyaa'ii Itti Aanaan Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Eliyaas Ummataa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiisitti hoggantoota goodinichaafi hawaasa waliin sirna dhaabbii biqiltuu raawwatanii jiru.
Ashaaraan Magariisaa, rakkoo gogiinsaa ture deebi'ee akka dandamatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.
Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaa, dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo hawaasa hirmaachisuun haala gaariin hojjetamaa jiraachuu himan.