Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti hawaasa guutiinsa balaa lolaatiin Gandoota sadii (Ganda Dhiibuu, Bulloongoofi Hiddii) irraa buqqa'anii Ganda Hiddii qubatanii jiraniif deeggarsa meeshaalee nyaat
Mootummaan sagalee keessaniin hundeeffattan jedhan Kab. Aadde Sa'aadaan balaa tasaa isin mudateef sirna ittiin isin deeggaru Buusaa Gonofaa Oromiyaa hundeessee har'a isiniif birmatee jira jedhan.
Har'a deeggarsa jalqabaa ummata keenyaaf murteessaa ta'e qabannee isin gidduutti argamnee jirra. Itti fufiinsaan rakkoo kana hiikuuf ammoo qindoominaan kan hojjetamu ta'a jedhan.
Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mahaammad Jundaa, rakkoo hawaasummaa ummata keenya mudateef wabii ta'ee akka tajaajiluuf Buusaan Gonofaa hundeeffame jedhan. Kanaafis, ummata keenya gargaaruun balaa kanaan akka hin miidhamne taasisaa turre jedhan. Ammas itti fufiinsaan deeggarsa namaafi beelladaaf taasifnu hanga deebisanii dhaabuutti kan hojjetamu ta'a jedhan.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaa Obbo Diidhaa Guddataa gama isaaniin tumsa qaamoleen adda addaa taasisaa jiran galateeffachuun, saaxilamummaa naannoo kana jiru bu'uura irraa hiikuun ummata keenya itti fufiinsaan furmaata kennuun Bulchiinsi Godina Shawaa Lixaa karoorsaa jira jedhan.
Haa ta'u malee, deeggarsi hanga ammaatti taasifamaa jiru gaarii ta'uu ibsuun, hir'inni nyaata beelladaa ammallee rakkoo ta'uu ibsuun, gara fuula duraattis, deeggarsi sanyii midhaanii hawaasa kana akka barbaachisu ibsan.