Ummatni Kibba Oromiyaa hawaasa aadaa,duudhaafi safuu addunyaaf fakkeenya ta’u Sirna Gadaa qaba jedhan, Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan
Aadaafi duudhaan ummatichaa sirna Gadaarraa dhaalame, hariiroo waliin jireenyaafi tokkummaa obbolummaan Sabaafi sablammoota hedduu daangaafi ofkeessatti qabachuun waliin jiraachuu beeka. Tokkummaa Sabdaneessummaa ijaarsa biyyaafi sirna cimaa ijaaraa jirruuf bu’uura cimaa ta’e Ummata Oromoo Kibba Oromiyaa keessa jiraatu fakkeenya guddaa kan ta’uudhas jedhan Kab. Aadde Sa’aadaan.
Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa bara kana marsaa 20ffaaf kabajamu sababeeffachuun Magaalaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo addaa kennuun rifoormii keessa galtee jirtuufi balbala daangaa Keeniyaa irratti kan argamtu Magaalaa Mooyyaaleetti kabajamuun qe’ee Sabaafi Sablammoonni biyyatti nagaafi jaalalaan waliin jiraatan magaalaa hunda haammachuun beekamtuufi hundaa’ol magaalaa horsiise bultoonni Oromoo hundeeffatan ta’uu magaalaa adda taate ta’uu Kab. Aadde Sa’aadaan ibsaniiru.





