Guyyaan Saboota Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaafi biyyaatti kabajame guyyaa eenyummaan, tokkummaan sabdaneessaafi obbolummaa ummattootaa itti dhugoomedha. - Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan.
Gabaasni Raawwii Hojii Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti kabajameefi hirmaannaa Naannoon Oromiyaa ayyaana sadarkaa biyyaatti kabajame keessatti qabdu qindaa'ee galtee kabaja ayyaana bara itti aanuu ta'uu karaa dandeessisuun bakka Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan argamanitti Koreewwan Dhaabbii Caffeefi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaa waliin qoratamee jira.
Sirni Kabaja ayyaanichaa, hariiroo obbolummaafi hawaasummaa ummattootaa cimsuun, sosochii diinagdee uumuun deeggaramee, hojiiwwan tajaajila lammummaan rakkoo hawaas-diinagdee lammiilee hiikuu bu'uura godhatee, hojiiwwan misoomaafi siyaasaa bal'aan utubamee bu'aawwan gurguddoon kan irraa argame ta'uu kan ibsan Kab. Aadde Sa'aadaan sagantaawwan karoorfamanii gadi bu'an keessatti hirmaannaan ummata keenyaa ammoo abdii ummanni keenya mootummaa isaarraa qabu qabatamaan kan mirkaneessedha jedhan.
Ayyaana Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti kabajame ilaalchisees, qophii barbaachisu taasisuu irraa eegalee hanga xumuuraatti ayyaanichi qabiyyeewwaniifi sonawwan aadaafi duudhaa ummata Oromoo beeksisuu karaa dandeessisuun kan kabajame ta'uun isaa adda isa taasisa.
Milkaa'ina kabaja ayyaanichaa keessatti, Ummanni Naannoo keenyaa bara kana hirmaannaa taasisaa tureen kabajaafi ulfina guddaa qabnaafi kan jedhan Kab. Aadde Sa'aadaan, qooda fudhattoota milkaa'ina ayyaanichaa keessatti gahee isaanii bahatan hundas carraa kanaan galateeffataniiru.
Ayyaana sadarkaa Naannootti kabajame irratti qaamolee gumaacha olaanaa taasisuun milkeessan Sadaasa 22/2018 xumuura ayyaanichaa irratti, Manneen Hojii Naannoo, Godinaaleefi Magaalota Kibba Oromiyaa, Yuunivarsiitii Bulee Horaafi Booranaa dabalatee qaamolee ogummaa isaaniin gumaacha irraa eegamu taasisaniif Magaalaa Bulee Horaatti beekkamtiifi galateeffannaan taasifamuun isaa ni yaadatama.





