Miseensota Caffee Oromiyaa Hundaaf Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Guraandhala 05 Bara 2018 irraa eegalee Galma Caffeetti ni gaggeeffama.
Kanaafuu, Miseensonni Caffee Oromiyaa hundi Waraqaa Eenyummeessaa Miseensa Caffee ta’uu keessan ibsu qabattanii Guraandhala 04 Bara 2018 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.
Kookasiin Dubartootaa immoo Guraandhala 04 Bara 2018 sa’aa 2:30 irraa eegalee waan gaggeeffamuuf, Dubartoonni Miseensa Caffee hundi Guraandhala 03 Bara 2018 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.
Waajjira Caffee Oromiyaa
Finfinnee





