Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Konfiraansii Dargaaggootaa 14ffaa irratti argamuun dargaggoota waliin mari’atanii jiru.
Dargaggoonni sirna wareegama qaaliin ijaarratan kana tikfachuu akka qaban ibsuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaas, diinagdeen fayyadamoo akka ta’aniif tarsiimoo dargaaggoota fayyadamaa taasisu bocee hojiirra oolchaa jira jedhan. Kanaaf, teekinooloojiifi beekumsaan of cimsuun jijjiirama kanarraa fayyadamuuf cimanii hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa gamasaaniin Konfaransiin geggeessinu kun gurmaa’insa dargaggoota naannichaa caalaatti cimsuufi gaaffiifi yaadota isaan gama hirmaannaafi fayyadamummaan isaanii akka mirkanaa’uuf kaasan qaama karoora hojii mootummaa akka ta’uuf yaadamee kan qophaa’e ta’uus ibsaniiru.