Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, tajaajila ummataaf kenninu irratti jijjiirama bu’uuraa fiduun itti quufiinsa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu ibsan.
Gamaaggamni Raawwii Karoora Hojii Paartiifi Mootummaa Bara 2016fi Kallattiin Karoora Bara 2017 Hooggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaa waliin gaggeeffamaa jira.
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, kaayyoofi barbaachisummaa waltajjichaa ilaalchisee haasawaa taasisaniin, Karoora Xiiqii Bara 2016 hojiirra oolaa ture irraa ummanni keenya fayyadamaa akka ta’uuf, xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa tureera jedhan. Caffeen Oromiyaas, milkaa’ina karoora kanaaf hordoffiifi to’annoo taasisaa turuu isaa eeraniiru.
Galmi keenya ijoon amantaa ummataa dabaluun, hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru cimsuudha kan jedhan Kab. Aadde Sa'aadaan, mul’ata akka biyyaa, naannoofi Caffeetti qabannee hojjechaa jirru milkeessuuf bakka jirrutti qindoomnee hojjechuu qabna jedhanii jiru.
Caffeen Oromiyaa, jijjiirama hunda galeessa naannicha keessatti fiduuf ergamaafi itti gaafatamummaa ulfaataa fudhatee hojjechaa jira. Amaanaa ummanni keenya nutti kenne qixaan hubannee, hooggansiifi hojjetaan raawwii keenya Bara 2016 qorannee, miira waloofi tajaajiltummaa ummataa karaa giddu gala godhateen galmoota gurguddoo Karoora Bara 2017 keessatti qabaman milkeessuuf qindoominaan hojjechuun jijjiirama barbaadamu fiduu qabna jedhaniiru.
Gabaasni Raawwii Hojii Bara 2016fi Karoorri Bara 2017 Paartiifi Mootummaa, akkasumas, sanadoonni waltajjii gamaaggamaa kanaaf qophaa’an dhiyaatanii irratti mari’atamaa jiru.