Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti mana barnoota Sadarkaa 1ffaa Aanaa Walgawoo Laga Bariitti argamuun barattoota maatii harka qalleeyyii ta’an 70f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasi

  • 21 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
 
Egereen biyyaa barattoota har’aa harka jiran kan jedhan Kab. Aadde Sa’aadaan, biyyi kan ijaaramtu dhaloota barateeni; dhaloonni kun ammoo barnoota isaan cimee dorgomaa akka ta’uuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa kan jiru ta’uu ibsan.
Kanaaf, barsiisaan dhaloota qaruu keessatti qoodni qabu olaanaa ta’uu hubatee gahee isaa bahachuu qaba jedhan. Maatiin barataas, dhaloota abdii biyyaa ta’e oomishuufi naamusa barataa tokko qabaachuuf maluun kunuunsanii guddisuu keessatti qoodni qaban guddaadha. Kanaaf, biyyi kan ijaaramtu ijaarsa dhalootaani; dhaloonni barate ammoo, wabii biyyaati jedhan.
Piroojeektiiwwan misoomaa kan akka ijaarsa buufata fayyaa, gamoo waajjira Kutaa Magaalichaa, daandii koobiliifi bo’oo lolaas daawwatanii jiru.
Daawwannaa taasisan irrattis, hundeeffama Magaalaa Shaggar hordofee gaaffii ummataa deebisuuf mootummaan badhaadhinaa xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa kan jiru ta’uu ibsuun, ummannis mootummaa isaa cinaa dhaabbatee xiiqiin hojjetee diinagdeen of jijjiiruu akka qabu dhaamaniiru.
Piroojeektonni misoomaa hojjetamaa jiranis, qulqullina barbaadamuun yeroo gabaabaa keessatti xumuuramanii tajaajila ummataaf ooluu akka qabanis akeekanii jiru.
Bulchaan Kutaa Magaalichaa Obbo Baqqalaa Dachaasaa gama isaaniin, barattoonni keenya cimaniii barachuun akka Afirikaattis ta'e Addunyaatti dorgomaa akka ta'aniif mootummaan inisheetivii barnootaa harawaa hojiirra oolchuun xiyyeefannaa kennee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.