Balballi Nagaaf Baname hin Cufaamne. Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab.Obbo Shimallis Abdisaa

  • 19 Jul 2026
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
*̳*̳*̳*̳
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa qaamolee karaa nagaa fudhatanii nagaan qabsaa’uu barbaadaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa balbala nagaaf bane kan hin cufamne ta’uu gabaasa qaama raawwachiisaa bara 2018 Caffeef dhiyeessaniin ibsaniiru.
Qaamolee karaa seeraan alaa bosona keessa socho’aniifi nageenya ummataa dhorgan irratti olaantummaan seeraa kan fudhatamu ta’uu pireezidaanti Shimallis akeekkachiisaniiru.