Barattoonni Oromoo biyya ijaaruu keessatti qabsoo taasisaa turan seenaan kan yaadatudha.
Itti fufuunis, Badhaadhina biyya keenyaa ariitii barbaadamuun itti fufsiisuun hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa kan jiran yommuu ta’u, kun cimee itti fufuu akka qabu I/Aanaan Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Eliyaas Ummataa ibsan.
‘Hirmaannaan Hayyootaa Badhaadhina Hunda Galeessaaf’ mata duree jedhuun mariin haala yeroorratti xiyyeeffate barattootaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum waliin Magaalaa Cirootti mari’atamee jira. Ijaarsi dhalootaa kan mirkanaa’u barnootaani.
Barnoonni ammoo, imala badhaadhinaa qabanne saffisiisuu keessatti qoodni qabu olaanaa ta’uus ibsaniiru.
All reactions:
245Erko Godana, Abdallaa Qaasim Heey'ii and 243 others