Beeksisa
Yaa'iin Idilee 8ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Amajjii 30 Bara 2017 irraa eegalee Galma Caffeetti ni gaggeeffama.
Kanaafuu, Miseensonni Caffee Oromiyaa hundi Waraqaa Eenyummeessaa Miseensa Caffee ta’uu keessan ibsu qabattanii Amajjii 29 Bara 2017 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.
Kookasiin Dubartootaa immoo Amajjii 29 Bara 2017 sa’aa 2:30 irraa eegalee waan gaggeeffamuuf, Dubartoonni Miseensa Caffee hundi Amajjii 28 Bara 2017 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.