Bishaan Tajaajila Umataaf waan ooluuf eegumsaafi kunuunsa taasisuunbarbaachisaadha

  • 26 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Qabeenya Bishaanii Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa'e irratti qooda fudhattoota qaamolee hawaasaa adda addaa dhimmi ilaalu waliin galtee walitti qabuuf waltajjii marii Magaalaa Adaamaatti qopheesse gaggeessaa jira.

Qabeenya Bishaanii lafa irraafi lafa jalaatti argamu faayidaa ummataafi diinagdee Naannichaaf itti fufiinsaan akka ooluuf sirna bulchiinsaafi itti fayyadama isaa ilaalchisee hojimaata ifa ta'e diriirsuufi sirna bulchiinsaa itti gaafatamummaafi iftoomina qabu irratti hundaa'ee hojiirra akka oolu taasisuun barbaachisaa waan ta'eef wixineen kun qophaa'e.

Eegumsaafi itti fayyadama qabeenya bishaaniif taasifamuu qabu ilaalchisee gahee mootummaa, hawaasaafi dhaabbilee adda addaa qaban qabatee kan qophaa'edha.

Wixinee kana Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaatti Abbaa Alangaa kan ta'an Obbo Ibsaa Camadaa dhiyeessaniiru.