Caffeen Oromiyaa, waggoottam sadeen darban Labsiiwwan 19 baasee hojiirra oolchee jira. Imala kana keessatti, qulqullina seeraa mirkaneessuuf qophii wixinee seeraa irraa eegalee hojimaataafi ulaagaa seeraan taa’e keessa akka darbu; erga ragga’ees tajaajila

  • 05 Sep 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Misoomaa Magaalaa Kab. Obbo Abdulqaadir Huseen, hojii bakka bu'ummaa ummanni keenya nutti kennate karaa guutuu ta'een bahachuuf cimnee hojjechuu qabna jedhan. Leenjiin Miseensota Caffeef guyyoota lamaan kana adeemsa seera tumuu irratti kennine kunis, haala qabatamaa guddina siyaas-diiangdee, misoomaafi gama hawaasummaan irra qaqqabnee jirruu giddu gala godhachuun seerota rakkoo ummataa hiikuu danda’an baafnee hojiirra oolchuu kan nu dandeessisudha jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Taarikuu Nagaash gama isaaniin, Miseensi Caffee ergama ummanni itti kennate beekee gahee isaa bakka jirutti bahachuu qaba jedhan. Caffeen seera baasuu qofa osoo hin taane hojiirra oolmaa isaas ni hordofa; ni to'ata. Kanaaf, miseensi kun bakka jiraatutti seeronni ofiin baasee gadi buuse qixaan hojiirra oolaa jiraachuu isaanii hordofuufi to’achuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin Miseensota Caffeef Adeemsa Seera Tumuu irratti guyyoota lamaaf kennamaa ture xumuuramee jira.