Dhaloota dorgomaa, naamusaafi amala gaarii horatee ijaarsa sirnaafi biyyaa keessatti gahee isaa bahatu uumiuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin MNO Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa misooma barnootaaf xiyyeeffannaa kennameen lammii dorgomaafi naamusaa gaarii qabu horachuunf carraawwan barnootaa babal’isuu, qulqullina barnootaa eegsisuuf xiyyeeffannoo Mootummaan kennee hojjetaa tureen jijjiiramni abdachiisaan mul’achuu eegaluu gabaasa baatiwwan jahan darbanii Caffeef dhiyeessaniin ibsanii jiru.