Duubdeebiin Hordoffiifi To'annoo Koree Dhaabbii Caffeen kennamu jijjiirama qabatamaa fiduu qaba.

  • 27 Jan 2024
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Duubdeebiin Hordoffiifi To'annoo Koree Dhaabbii Caffeen kennamu jijjiirama qabatamaa fiduu qaba.

Qorannoo raawwii hojii gaggeeffamaa tureen, bu'aawwan xiinxala hordoffiifi to'annoo Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa marsaa 1ffaa bara kana Godinaalee, Magaalotaafi Aanaalee garaa garaa keessatti hanga Gandaatti gadi bu’uun gaggeessaa turaniifi raawwii kilaastara baadiyyaa, magaalaa, hawaasummaa, horataalee qaama raawwachiiftuus bakka Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Pireezidaantiin MNO Kab. Obbo Shimallis Abdiisaafi Pireezidaantiin MMWO Kab. Obbo Gazaalii A/Simal argamanitti qoratamaa ture xumuuramee jira.

Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa, hordoffiifi to’annoo marsaa 1ffaa bara kana gaggeessan keessatti marii ummata waliin taasisaniifi raawwii hojiiwwan misoomaa qabatamaan lafarra jiru daawwachuun ciminootaafi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadu jedhamanii adda bahanii dhiyaataniif irratti manneen hojii dhimmi ilaalu xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechuu qofa osoo hin taane jijjiirama qabatamaa fiduu akka qaban Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa xumuura waltajjii qorannoo kanaa irratti ibsan.

Galmoonni gurguddoo karoora xiiqii bara 2016 akka Mootummaatti qabaman fayyadamummaa ummataa karaa dhugoomsuu danda'uun, yaadama haaraa baay'ina, qulqullina, ariitii dabaluun raawwatamuu akka qaban kallattiiwwan karoorichaan kaa'aman qabatamaan lafarratti mul'achuun jiruufi jireenya ummata keenyaa jijjiiruun hooggansa tarsiimo'aa haala hunda beekee hoogganuu danda'u uumuun murteessaadha jedhan.

Sochii jijjiirama hunda galeessa fiduuf taasisaa jirru milkeessuuf hordoffiifi to’annoo bu’a qabeessa ta’een deeggaruun dirqama ta’uu ibsuun, manneen hojii hundinuu duubdeebii Koreewwan Dhaabbii Caffee kennan galtee milkaa’ina hojii keessanii taasisuun irratti hojjechuu qabdu jedhan.

Aadaa qusannaa hawaasaa jijjiiruu, humnootaa waloo keenya sirnaan qindeessuufi qabeenya dilboo qabnu fayyadamnee alseerummaa dinagdee keenya sakaale hiikuun ummata qabsoo yeroo dheeraa taasisee injifannoo siyaasaa gonfate, injifannoo dinagdeen dabaallee hawaasa keenya fuula duratti tarkaanfachiisuuf hooggansi kutannoofi xiiqiin hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.