Duudhaalee waliin jireenyaa uummanni keenya sabaafi sablammoota obbolaa isaa waliin qabu dagaagsuu karaa giddu gala godhateen kan kabajamu ta'a

  • 03 Sep 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
 
Sirna Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti kabajamu ilaalchisee Karoora qophaa’e irratti mariin waloo taasifamee jira.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, tokkummaa sabdaneessaan imala ijaarsa biyyaa dhugoomsuuf, tokkummaafi walitti hidhamiinsa ummataa cimsuu, aadaafi duudhaalee waloo ummanni Oromoo sabaafi sablammoota obbolaa ollaa isaa jiraatan waliin qooddatu beeksisuufi akka walirraa baratan taasisuu karaa giddu gala godhateen ayyaanni bara kanaa kan kabajamu ta’a jedhan.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti ni kabajama. Kana malees, sadarkaa biyyaatti Naannoo Giddu Gala Itoophiyaa Magaalaa Hoosaa’inaatti kabajama.