Federeeshiniin Dargaggoo Oromiyaa Yaa'ii isaa Idilee 3ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeesse

  • 30 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
. Yaa'iin kunis, mata duree "Ijaarama keenya cimsuun Badhaadhina Biyya Keenyaa Ni Mirkaneessina" jedhuun bakka Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaaniifi keessummoonni naannoofi adda addaa argamanitti gaggeeffamee jira.
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kabajamoo Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan humni oomishaa olaanaa naannoo keenyaa ta'uufi ganda irraa hanga naannootti dargaggoon gurmaa'uun Caffeefi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa keessatti bakka bu'iinsa guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Ijaarsi biyyaafi Oromiyaa hirmaannaa dargaggootaan ala mirkanaa'uu kan hin dandeenye ta'uus ibsaniiru. Hariiroo obbolummaafi tokkummaa cimsuuf milkaa'ina marii biyyaalessaa irratti dargaggoonni cimanii hojjechuu akka qabanis waamicha taasisanii jiru.
Pirezidaantiin Federeeshinii Dargaggoo Itoophiyaafi Oromiyaa Dargaggoo Taarraqeny Abduljabbaar, dargaggeessi gurmaa'uun carraa akka argatu, nageenyaafi misooma keessatti akka hirmaatu akkasumas, ijaarsa sirna diimokiraasii akka cimsu kan gargaaru ta'uu ibsan.
Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwos Sobbooqaas ibsa kennaniin mootummaan yaadama ida'amuun gurmaa'iinsa dargaggoo irratti hojjechaa jiraachuu ibsanii, badhaadhina biyyaafi maatii mirkaneessuufis ga'ee olaanaa qabaachuu isaanii ibsan.
Yaa'ii kanaanis raawwiin hojii federeeshinichaafi karoorri dhiyaachuun koreen hoji raawwachiiftuufi koreewwan adda addaa kan filataman ta'a.