Gamaaggamni Raawwii Hojii Mootummaafi Paartii Kurmaana 1ffaa Adaamaatti Gaggeefame
****
Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaafi Paartii Kurmaana 1ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jiruun raawwiin hojii mootummaafi paartii dhiyaachuun hanqinaafi cimina jiru adda baasuun kallattiin hojii fuulduraa ni kennama jedhamee eegama.
Gamaaggama kana irrattis Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaaniifi Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kab.Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon, magaalotaafi godinaalee argamanii jiru.