Guyyaan Birmadummaa, ‘Daneessummaa Birmadummaa Hunda Galeessaaf!’ mata duree jedhuun sadarkaa Naannoo Oromiyaatti yaadannoo gootota birmadummaa biyyaaf wareegamaniifi agarsiisa adda addaan Magaalaa Adaamaatti kabajamee jira.

  • 07 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, kabaja guyyaa kanaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Itoophiyaan fakkeenya birmadummaa, calaqqee walabummaafi bilisummaa Afriikaanotaa ta’uu ibsan.
Wareegama qaalii gootonni qaqqaaliin kaffalaa turaniin dhiigaafi lafee isaaniin katabuun birmadummaa har’aa nu dhaalchisanii darbaniiru jedhan. Raayyaan Ittisa Biyyaafi Qaamoleen Nageenyaa keenyas, wabii birmadummaa biyya keenyaati kan jedhan Kab. Aadde Sa’aadaan calaqqee sabdaneessummaa, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni hundi keessatti of arganiifi gaachana ummattoota Itoophiyaati jedhan.
Iccitiin birmadummaafi bilisummaa keenyaa ammoo, adda waraanaa hunda irratti tokkummaan hirmaannee diina ofirraa qolachaa waan dandeenyeefidha jedhan. Kanaaf, ijaarsa Itoophiyaa haaraa dhugoomsuuf marii biyyaalessaa hunda galeessa, haammataafi hirmaachisaa ta’e gaggeessuun seenessa qeenxee, waloon bakka buusuun mul’ata badhaadhinaa qabanne milkeessuuf hojjechaa jirra.
Birmadummaa biyya keenyaa itti fufsiisuuf dhaloonni hirmaannaa hunda galeessa taasisuun abbaa biyyummaa isaa gonfachuu akka qabsusdhaamaniiru.