Haasaa Baniinsaa Kab.Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan Yaa'ii Caffee 11ffaa Waggaa 5ffaa BHC 6ffaa irratti taasisan
Yaa'ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti hirmaachuuf, BAGA NAGAAN DHUFTAN - ANAA DHUFU!
Yaa’ii kana kan adda taasisu, Sirna Walharkaa Fuudhiinsa Alangee Gadaa Tuulamaa ofkallee, barii injifannoo Filannoo Marsaa 7ffaafi jalqabbii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa, hiikkoo damdaneessa qabuun egeree biyya keenyaa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf jalqabamee yeroo jirutti kan gaggeeffamu ta’uu isaati.
Biyya keenya Itoophiyaatti, MARIIN BIYYAALESSAA kun cabiinsa siyaasaa wal’aanuun, diimokiraasii dagaagsuun, ijaarsa biyyaa bu’uuressuufi tokkummaa biyyaalessaa uumuun cehuumsa boqonnaa haaraa qabatee dhufa jedhamee abdii guddaan kan irra kaayamedha.
Gama biraan, IJAARSA ITOOPHIYAA HAARAA seenessa waloon bu’uuressuun, biyya hundi keessatti qooda fudhatuufi tokkummaan keessa jiraatu ijaaruuf, Filannoo bilisaa, haqa qabeessaafi diimokiraatawaa ta’e gaggeeffameen PAARTIIN BADHAADHINAA sagalee caalmaan injifatee carraa Mootummaa Hundeessuu waan argateef Baga Gammaddan; Baga Waliin Gammanne! jechaa, itti gaafatamummaan Ummanni keenya nutti kennate guddaafi ulfaataa ta’uu hubannee, kan kaleessa hojjanneen ol dachaan dabaallee hawaasa keenya tajaajiluun amaanaa ummataa galmaan gahuu akka qabnu carraa kanaan ibsuun barbaada.





